25/07/2025
Hiriyyaa kee eenyuu???
=====////====//===========
Ilmi nama kun irraa hedduun hiriyya qaba.
Namni kan hiriyyaa walii ta'uuf saboobota gargaratiin fkn m/barnoota, iddoo jireenya, iddoo hojjii fkkkn walitti hiriyumma.
Jireenya keessatti Hiriyaa gaafa kolfaa ilkaan sif addeessee sitti fiigu kuma horachuun salphaadha, hiriyaa gaafa rakkoo si waliin dhaabbatu argachuun garuu badhaasa guddaadha.
Ati hiriyyaan kee eenyuu
1.Hiriyyaa akka Baalaa(Qushasha):-
Hiriyyaa Baalaa gaafa hamaate jige sirra har'acuu
Isaa gaafa haali tole deebi'ee moo dacha'uu akka baalaa laalisee si bareechu isaa daraaran faaye foolii kee urgeeysu warra boona deemani Birra deebi'an.
2.Hiriyyaa Akka Damee :-
Hiriyyaa Dameen akka baalaati haalaan sirra hin harca'een. hiriyyaa Gaariif Hamaas sumaa waliin dabarsuu Garuu isaa buubeen dhufnan Rasee sirraa fottoksuu isaa sirraa hin dheysine dheysuu ammoo hin deebine.
3.Hiriyyaa Akka Hiddaa(oxygen):-
===============
Hiriyyaa uumman filee carra qabeessaf laatu isaa hiddaa sif ta'e mata irraatti si batu kan utubee si dhabuu gaafa buubeen si rasuu kan ofii biyyee liixe bakka kufte si kasuu.
Isaa Hir'uu kan ka'ee Guutuu irree kee kan jabeessu rakkoo kee sif rakkate isaa galma si geeysu yaada kan ka'ee yaadee yaaddoof kan fala faluu. Ante Gaafa rakkoo ta'e arsaa kan sif kafaluu
Gaafa buubeen si rasee jireenya kan kee diguu isaa hiddaa sif ta'e akka kufnee si eegguu Kode baqee sif ifuu
Ifaa gaafa dukaanati.
Jireenya koo keessatti Hiriyyonni ani waliin hariiroo qabu hundi na dhiisanii deemaniiru, fuula natti jijjiiraniiru. Hiriyyaan baalaa salphati hiriyya si ta'u . Fakkeessani si wajjin jiraatu yeroof. Garuu akkuma baalii yeroo muka irraa bu'e Qushasha Ta'u isaan Hiriyyaa Qushasha.
Hiriyyaa Hiddaa akkuma hiddii mukaaf jireenya keessatti waa isaa barbaachisu hundaa dhiheessuf fkn albuda, Bishan,mineral lafa keessa xuxee. Hiriyyaan hiddaa jireenya kee keessatti Furtuu jireenyati.
Hiriyaa hiddaa oksijini jireenyati Kanaaf, Isaan jabeeffadha.
Galatooma